Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaa Kutaa Magaalaa Sulultaa Paarkii Tulluu Guddootti biqiltuu dhaaban.

Cyber Media’ Adoolessa 19, 2017-Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaa Aanaa Wasarbii Paarkii Tulluu Guddootti biqiltuu dhaaban. Namoonni hirmaatanis hojii investimantii biyya keessatti babal’isuuf hojjetaa jiraachuun cinatti qilleensa naannoo eeguuf hojii biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuurrattis hirmaachuun gahee lammummaasaanii bahaa jiraachuu himan. Biqiltuu dhaabuun itti fufiinsa jireenya egeree biyyaa dhugoomsuuf gumaacha kan jedhan, Daarirektarri Olaanaa Dhimma Diyaaspooraa Oromiyaa, Obbo Amiin Jundii. Diyaaspooraan investimantiin cinatti hojii tajaajila lammummaarratti hirmaachuun jaalala biyyasaaniif qaban mul’isaa jiru jedhan.Taaddelee Asfaawutu gabaase.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *