Adoolessa 19,2017 Sagantaa Ashaaraa Magariisaa “Dhaabuudhaan Dandamachuu”

Waldaan diyaaspooraa Oromiyaa daayirektoreetii diyaaspooraa Oromiyaa waliin ta’uun sagantaa Ashaaraa Magariisaa dhaadannoo “Dhaabuudhaan Dandamachuu” jedhuun guyyaa har’aa bulchiinsa magaalaa shaggar kutaa magaalaa Sulultaatti raawwatee jira.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kana irratti hogganaan daayirektoreetii diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amin Jundi ,Pireezidaantii Waldaa diyaaspooraa Oromiyaa Aadde Sara Hassen Adem, itti aanaan Pireezidaantii waldichaa Obbo Tesfaye Dima, hoggantootni bulchiinsa magaalaa shaggar kutaa magaalaa Sulultaa ,miseensonni boordii waldichaa, bakka miseensonni waldaa diyaaspooraa Oromiyaa hedduunfi hojjattootni waajjiichaa argamanitti bifa miidhagaa ta’een geggeeffamee jira.
Waldaan diyaaspooraa Oromiyaa hoggantoota bulchiinsa magaalaa shaggar fi kutaa magaalaa Sulultaa deeggarsaa fi simannaa ho’aa miseensota diyaaspooraa Oromiyaatiif gootaniif hedduu galatoomaa!

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *