Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaa Hojiilee Misoomaa Magaalaa Adaamaa Daawwate. ABS-Fulbaana 20, 2019

Miseensonni Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa hojiilee misoomaa fi inisheetiivota Magaalaa Adaamaa keessatti hojjetamaa jiran daawwachuun, guddina magaalattii ijaan arguun isaanii hubannoo fi kaka’umsa invastimantiif akka isaan jajjabeesse daawwannaa kanaan ibsaniiru.
Diyaaspoorotni kunneenis Tajaajila Iddoo Tokkoo mesoob,Kutaa gaalarii, ijaarsa qe’ee qonnaan bultoota dongorree furdaa, Adaamaa City Arena fi ijaarsa qe’ee andoodee daawwataniiru.
Kaayyoon daawwannaa kanaa diyaaspooronni hojiilee misoomaa Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiran ijaan arguun, carraa invastimantii fi gahee diyaaspooraa misooma naannichaa keessatti qaban irratti hubannoo akka argatan ta’uu barreessaan Boordii waldaa diyaaspooraa Oromiyaa fi qindeessaan diyaaspooraa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Mohammad abduljalil dubbataniiru.
Hogganaan Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amiin Jundii, daawwannaan kun guddina biyyaa fi carraalee invastimantii jiran hubachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Diyaaspooronni hojiiwwan misoomaa Magaalaa Adaamaa ijaan arguun invastimantiif kaka’umsa akka argatanis dubbataniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii gama isaaniin, Magaalaan Adaamaa misoomaa fi tajaajila ummataa irratti hojiiwwan garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsuun, hojiileen inisheetiivii fi Smart Adama keessatti hojjetamaa jiran diyaaspooraaf carraa fi abdii ta’uu himaniiru.
Miseensonni waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa daawwannaa kanaan guddina Magaalaa Adaamaa arguun, carraalee invastimantii jiranitti fayyadamuun misooma keessatti hirmaachuuf fedhii kan horatan tahuu Obbo Bariisoon ibsaniiru.
Fooramiin Invastimantii Diyaaspooraa Oromiyaa guyyoota lamaaf Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa turuun ni yaadatama.
Amaanu’eel Daggafaatu Gabaase.

See less

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *