Oolmaa Fooramii Diyaaspooraa Oromia guyyaa 2ffaa

Oolmaa guyyaa 2ffaa fooramii Diyaaspooraa Oromiyaa guyyaa har’aa geggeeffamaa oolee jira.
Sagantaa har’aatiin Kab. Obbo Balynah Aqinaawu, I/A/ hogganaa tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa, Dr Hailamikaa’el Alamuu, hogganaan Waajjira Invastimantii Magaalaa Shaggar, Aadde masarat Abbabaa Itti gaafatamtuu Misooma,bulcjiinsaa fi dabarsa manneen waajjirra Magaalaa Shaggar argamuun ibsa bal’aa Diyaaspooraa waliin godhaniiru. Dabalataanis, Baankii Daldala Itiyoophiyaa tti hogganaan daayirektoreetii Kominikeeshinii baankichaa Obbo Alsan Asaffaa fi ogeeyyiin baankii daldalaa itiyoophiyaa tajaajila kenna dijitaalaa Diyaaspooraa aegamuun ibsa bal’aa kennaniiru.
Sagantaa waaree duraa irratti Hogganttooni gaafilee Diyaaspooraa irraa ka’eef yaada laatanii jiru. Daayirektoreetii Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amin Jundi yaadota fooramicha irratti ka’aa tureef kallatti kaa’uun dhaamsa dabrsamiiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *