Guyyaa kaleessaa Amajjii 18/2015 Ejansiin Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Ministeeraa Hajaa alaa fi Dhaabbata Piroomooshinii IS waliin ta’uun gurmiilee Diyaaspooraa adda addaa biyyoota 25 irraa dhufan 52f beekkumtii Kenne. Beekkumtiin kunis hojiilee deeggarsa misoomaa hawaasaa, dinagdee fi siyaasaa waggoottan laman darban hawaasni diyaaspooraa tokkummaan biyya keenya cinaa dhaabbatan bu’uura godhachuudhaan kan raawwatameedha.
Miseensotaa fi gurmiileen hawaasa Oromoo biyya garagaraa irraa affeeramuun beekkumtii kana argattan baga gammaddan jechaa ammas daran biyya keenyaa fi Naannoo Kenyaa cinaa gama hundaan akka dhaabbattan dhaamsa kenna.
Irra deebi’uun ammas baga gammaddan.

