Diyaaspooraan hirmaannaa misooma biyyaa keessatti taasisaa jiru cimsee itti fufuu qaba jedhan, Itti gaafatamaan waajjira pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Mogos Ida’ee.
OBN Caamsaa 26,2015-Diyaaspooraaf akkaataa tajaajila si’ataa akkaataa kennuun danda’amu irratti waltajjiin marii qooda fudhattoota hirmaachise Magaalaa Adaamaatti taa’ame.
Waltajjicharratti sochii hirmaannaa diyaasporaa irratti gabaasni dhiyaatee irratti mari’atameera.
Marii kanarratti waajjira pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qindeessaan dhimma diyaaspooraa Obbo Amiin Juundii kan argaman yoo ta’u, jijjiiramaan asitti hirmaannaa diyaaspooraan misooma, nageenyaa fi magaa gaarii biyyattii ijaaruuf taasisaa jiru, olaanadhaa jedhan.
Itti gaafatamaan waajjira pireezidantii Naannoo Oromiyaa Obbo Mogos Ida’ee, diyaaspooraan maatii isaa deeggaruu irraa hanga dhimma biyyaa keessatti hirmaachuun, ga’ee lammummaa isaa ba’achaa jira jechuun, kenni tajaajilaa sadarkaan jiru si’ataa fi dhaqabamaa ta’uu dhabuun rakkoolee mul’atan ta’uus himaniiru.
Kanaafuu Hooggansi sadarkaan jiru, diyaaspooraa simachuu fi tajaajila eeyyamameef, yeroon argatee misoomarratti akka bobba’uuf, xiyyeeffannoo kennanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ragaa qulqulluu hirmaannaa diyaaspooraa ibsu qindeessuu fi carraa investimentii biyyattiin qabdu keessatti iyaaspooraan dammaqinaan hirmaachuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.Fayyeeraa Fufaatu gabaase
Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:

