Sagantaan galateeffannaa fi walmarii Miseensonni Boordii Duraanii fi miseensota boordii Waldaa diyaaspooraa Oromiyaa haaraa filatamaniif affeerraan irbaataa taasifame.
Saganticha irratti Hogganaan dhimma hirmaannaa diyaaspooraa oromiyaa Obbo Amin Jundi argamun boordiin lamaan qindoominaan akka hojjachuu qabanii fi muuxannoo waljijjiiru akka qaban dhaaman.
Walitti qabduu fi Pireezidaantiin waldaa diyaaspooraa Oromiyaa yeroo amma Aadde Sara Hassen Adem diyaaspooraa Oromiyaa tajaajiluuf imaanaa nutti kenname sirriitti akka baanuuf boordii duraanii osoo hin jenne walfaana qindoominaa akka hojjatan dubbataniiru.
Walitti qabaa fi Pireezidaantii boordii duraanii kan ta’an Dr Abdulaziz Ibrahim muuxannoo fi mudannoolee waldicha hundeessuurra hanga ammaatti qunname kaasuun muuxannoo qaban qooduun boordiin amma filames cimee akka hojjachuu qabu dhaamaniiru.
Dhumarrattis, hojilee gurguddoo gara fuulduraatti hojjatamuu qaban irratti kallattii ka’uun sagantichi xummurameera.

