Miseensonni boordii waldaa diyaaspooraa Oromiyaa haara filaman Waajjira Muummee waldichaatti argamuun waltajjii idilee isaanii gaggeessanii jiru.
Bu’uuruma kanaan, Walitti qabduun Boordii fi Pireezidaantii waldichaa kan ta’an Aadde Sara Hassen Adem Miseensota boordiin baga nagaan dhuftan jechuun ajaandaalee marii irratti mariin akka godhamu affeeranii jiru.
Haaluma kanaan, hojiilee gurguddoo hanga amma hojjatamaniifi fi hojii gara fuulduraa hojjatamuu qaban irratti mariin bal’aan miseensota boordii fi hoji gaggeessaa waldichaa Obbo Abda Jemal Abda erga taasifame booda kallattii gara fuulduraa kaa’uun waltajjichi xummurameera.
Birtukan Ayano Dadi
Amin Jundi

