Miseensa Boordii Waldaa diyaaspooraa Oromiyaa yeroo amma kan ta’an obbo Lalisaa Hiikaa (Lalisaa Kabbadaa) hojiilee boonsaa dhaloota hegeree barnootaa fi teknolojiin qaruu keessatti gumaachaa olaanaa bahaa jirtaniif Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaa isin galateeffataa miseensonni diyaaspooraa biroos qabeenyaa fi beekkumsa qabaniin hawaasa keessa bahan akka deeggaran yaamicha goona.

