Waldaan Diyaaspoora Oromiyaa Vaayirasii koroonaa (COVID-19) 

Waldaan Diyaaspoora Oromiyaa Vaayirasii koroonaa (COVID-19) yeroo ammaa Addunyaa guutuu raatessaa fi yaaddessaa jiru akkasumas yeroo ammatti biyya keennaa seene jiru qolachuufi tatamsa’ina Vaayirasichaa ittisuuf akkasumas Hawaasa keenyaaf hubannoo uumuu fi meeshaalee qulqullina ittiin eeggatan kan akka Saanitayizarii fi Saamunaa dhiheessuun Hawaasa Kenya qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’ee iddoowwan gara garaa qubatan deeggaraa jira. Dabalataanis Hawaasa keenya harka qalleeyyii Bira dhaabbachuun dirqama Lammummaa bahuurratti argama. Haaluma kanaan bitootessa 23,2012 Bulchiinsa magaalaa laga Xaafootti argamuun deeggarsa godhee jira.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *