Daayrektarri Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amiin Jundiin. beeksisan.
Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaa hariiroo lammilee Itiyoophiyaa biyya hambaa keessa facaa’anii jiraataniifi biyyatti gidduu jiru cimsuuf hundaa’e.
Diyaaspooraa biyya jaalatan quunnamne akka isaan biyya dhufaniifi invastimantii keessatti qooda fudhatan hojjennee jiraannus gahaa miti jedhan Daayrekterri Olaanaan Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amiin Jundiin.
Diyaaspooraan hojii invastimantiirratti wayita hirmaachuuf dhufu ulaagaa guutuu dhabuufi manneen hojii mootummaa keessatti hojiimaanni harkifatan jiraachuu isaan hanga barbaadamu bu’aa fiduun hin dandaa’amnes jedhan.
Hanqinoota gama lachuun jiran maqsuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisuus dubbatan Obbo Amiin.
Lammiilee Itiyoophiyaa biyya Saa’udi Arabiyaatti mana hidhaatti dararaa argaa jiran ni hubanna jedhanii, mootummaan lammiilee kuma 40 gara biyyaatti deebisee akka ture yaadachiisan.
Jilli tokkos kan Ministira Maallaqaa obbo Ahmad Shideen durfamu, rakkoo kanaaf furmaata kaa’uuf Saa’uudi Arabiyaatti imaleera.
Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaa hariiroo diyaaspooraafi biyya isaanii gidduu jiru cimsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetus obbo Amiin Jundii himaniiru.

