Lammiilee Itiyoophiiyaa Saa’uudii-Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebisuun eegalameera.
Har’as lammiileen gara biyyaatti deebi’aniiru.
Wayita Buufata Xiyyaara Idil-Addunyaa Boolee gahan, Jilli Ministira Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dr. Ergooggee Tasfaayeen durfamuu lammiilee kanneen simateera.
Daa’imman, dubartootaafi kanneen rakkoo fayyaa qabaniif carraan duraa kennamuusaa himameera.
Har’as guyyaa guutuu hojiin lammiilee deebisuu cimee akka itti fufu beekameera.
Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa kaleessa akka beeksiseetti, har’a Bitooteessa 21 bara 2014 irraa eegalee lammiilee Itoophiyaa kuma 100 ol tahan ji’oota 7-11tti akka deebi’aniifi hojii deebiisani dhaabuu sadarkaa biyyaaleessaatti akka hojjatamu ni eeggama.
Amboo Maqaasaatu gabaase.

