Waldaan diyaaspooraa Oromiyaa baankii daldalaa itiyoophiyaa Commercial Bank of Ethiopia daayirektoreetii diyaaspooraa baankiingii fi damee addaa diyaaspooraa waliin dhimmoota misooma diyaaspooraa irratti Mariin taasifame jira.
Marii kanarratti haala dhimmoota xiyyeeffannoo misooma diyaaspooraa kan akka liqii invastimantii, hirmaannaa daldala diyaaspooraa, gaaffi bittaa mana jireenyaa fi kannneen biroo irratti gadi fageenyaan mariin taasifamee jira.
Baankiin daldala itiyoophiyaa dhiheenyaa deebii faayinaansii hirmaannaa diyaaspooraa cimsuuf qarshii biliyoona shantama liqii gaaffii diyaaspooraaf ramadauun isaa ni beekkama.
Bu’uuruma kanaan haala hubannoon diyaaspooraa itti cimuu fi gosa piroojektoota qabanii dhiheessuun liqicha fayyadamuu akkaataa diyaaspooraan danda’urratti marii taasisuun waliin hojjachuuf walii galamee jira.

