Daayireektoreetii Tajaajila Diyaaspooraa Oromiyaa fokaal Persaanii diyaaspooraa magaalaa fi godinaalee Oromiyaatiif mataaduree kenna tajaajila diyaaspooraa irratti leenjii kenname.
Leenjiisa fi qorataa Oromiyaa Isteetii Yunvarsitii Obbo Leenii Quuxoo akka jedhanitti lammii biyyaa keenya fi dhaalonni lammaaffa alaatti argaman biyyaa isaanii beekuun guddinaa biyyaaf gahee isaanii akka bahaan taasisuu murteessa ta’u ibsaniru.
Diyaaspooraa biyyaa isaa misoomsuuf yoo dhufu haala gaariin simachuun tajaajilli barbaadamu kennamuuf akka qabu Daarikterii Olaanaa Daayireektoreetii Tajaajila Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amin Jundi himaniiru.
Gama biraatiin haala qabatamaa sochii misooma diyaaspooraa Oromiyaa yeroo ammaa ilaalchisee Aadde Kulule Degefa gabaasa dhiheessaniiru.
Hirmaatonni leenjicha irratti argaman tokko tokkoo yaada kennan akka jedhanitti leenjii argatanitti hubannoo gaarii argachuu isaanii ibsuun qaama ilaalatu waliin qindoominan kan hojjetan ta’u dubbataniru.
Xumura iratti magaalaa Adaamaatti hojiiwwaan diyaaspooraan hojjetamanii fi inisheetiiviwwan adda addaa bulchiinsa magaalaa adaamaa jiran daaw’atamaniiru.

