Taphataan kubbaa Miilaa garee biyyaalessaa Kaanaadaa dhalootaan biyya keenya ta’e Ali Ahmed daaw’annaaf gara itiyoophiyaa dhufe.
Ali Ahmad maatii isaa Oromiyaa irraa gara kaanaadaa deeman irraa kan dhalate yoo ta’u tapha geeba Addunyaa bara kana raawwate irratti kaanaadaa bakka bu’uun taphataa ga’umsa cimaa agarsiisee dha.
Ali Ahmad yeroo turtii isaa biyya keenyaa kanatti Muuxannoo isaa garee kubbaa miilaa biyyaalessaa biyya keenyaatiif ni qooda jedhamee eeggama.
Waldaan diyaaspooraa Oromiyaa taphataa dhalootaan biyya keenyaa ta’e Ali Ahmadiin baga nagaan gara biyya Abbaa keetii dhufte jedha.

