Pirezidaantiin MNO Kabajamoo Obbo Shimelis Abdisa taphataa kubbaa Miilaa garee biyyaalessaa biyya Kaanaadaa dhalootaan biyya keenya ta’e Ali Ahmed simachuun waliin mari’atan. Hojii Aliin kubbaa miilaa keessatti hojjachaa jiruun akka biyyaafi naannootti itti boonuu kan dubbatan Pirezidaanti Shimallis, Aliin seenaa waancaa Addunyaa irratti garee biyyaalessa Kaanaadaa waliin galmeesseef baga gammadde jedhaniiru. Pirezidaanti Shimallis, Alii Ahimad Akkaadaamii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa keessatti banuuf fedhii qabaannan deeggarsa barbaachisu akka godhan dubbatan. Waldaan diyaaspooraa Oromiyaa simannaa fi jajjabina hamilee Kabajamoo PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa taphataa Kubbaa miilaa fi diyaaspooraa dhalootaan biyya keenya ta’e kanaaf godhaniif maqaa diyaaspooraa Oromiyaatiin hedduu galateeffanna.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *