Pireezidaantiin Baankii daldalaa itiyoophiyaa Obbo Aabbee Saano Miseensota diyaaspooraa Marii biyyaalessaaf biyyoota adda addaa irraa dhufanii fi biyya keessa jiran waliin dhimmoota hirmaannaa diyaaspooraa faayinaansiin deeggaruu ilaalchisee waajjira muummee baankichaatti simachuun Marii taasisanii jiru.
Maricharratti pireezidaantiin baankichaa akka jedhanitti diyaaspooraan piroojektii gurguddaa irraa hanga bittaa konkolaataa dhunfaa fi daldalaatti liqii kennuun kan tajaajila ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf immoo diyaaspooraa qofaaf liqii qarshii biliyoona 50 qopheessineerra jechuun yaamicha taasisanii jiru.

