Waldaan diyaaspooraa Oromiyaa yakka Suukanneessaa Biyya Sa’udi Arabiyaatti ijoolleen Oromoo Ofii isaanii walirratti raawwatan kan miidiyaa hawaasummaattiin tamsa’a turetti kan gadde ta’uu ibsaa. Ilmaan jireenya ofii jijjiiruuf biyyaa karaa baqaatiin bahanii kaayyoo biyya bahaniif dhiisuun haala sukanneessaan yakka fokkisaa akkanaa keessatti hirmaatan kan balaaleffatu ta’uu ibsaa, Jaarsolii fi Abboottiin akkasumas qeerroon biyya Sa’uudii yaamicha Imbaasiin Itiyoophiyaa Riyaaditti argamu fudhachuun tumsaa fi odeeffannoo barbaachisu hunda akka gootan yaamicha dabrsaa maatii fi firoottan ilmaan irraa miidhamaniif jajjabina hawwa.

