Guraandhala18,2015

Mariin Dhimma “Hirmaannaa Investimantii Diyaaspooraa Oromiyaa fi Misooma hawaasaa” jedhuun Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaa fi Waajjirri pireezidantii BMNOtti Daayirektoreetiin dhimma Hirmaannaa fi Deeggarsa Diyaaspooraa Oromiyaa wajjiin ta’uun Qophaaye guyyaa har’aa Galma Waajjira Pireezidantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti geggeeffame. Sagantaa Marii kana irratti Kab. I/aanaa Pireezidantii BMNO obbo Awwaluu Abdii, Itti gaafatamaan Waajjira Pireezidantii BMNO Obbo Mogas Eda’ee, Waajjira pireezidantii BMNOtti Hoogganaa Daayrektoreetii dhimma Hirmaannaa fi deeggarsa Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amin Jundi ,Hogganaa biiroo I dustirii fi Investmentii Oromiyaa, Pireezidantii WDO Obbo Abdulaziz Ibrahim dabalatee bakka aangawoonni Olaanoon Naannoo fi federaala argamanitti geggeeffame jira. Maricharratti dhimma bal’aa hawaasa Diyaaspooraa Oromiyaa irraa ka’eefi fi gaaffilee waltajjii irraa dhihaataniif deebisaan kenname jira.
Kana malees Dhimma misooma hawaasa ilaalchise Ijaarsa mana barnootaa bu’uura boruu Soole Adaama waldaa Diyaaspooraa Oromiyaatiin ijaaramaa jiruuf hawaasni Diyaaspooraa deeggarsa maallaqaa taasisanii jiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *