Oromiyaatti invastimantii cimsuuf hirmaannaan diyaaspooraa murteessaadha jedhame.
OBN Guraandhala 18,2015-Mariin sosochii siyaas-diinagdeefi hawaasummaa dhimma invastimantii irratti hirmaannaa diyaaspooraa Oromiyaafi misooma hawaasaa irratti xiyyeeffate diyaaspooraa waliin taa’ameera.
Marii kana irratti Itti Aanaan Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii akka jedhanitti, diyaaspooraan Oromoo yeroo qabsoofi rakkoo sagalee Ummataa ta’aa turuu ibsuun, yeroo biyyi misoomaafi nageenyaaf waamicha taasiftus gahee isaanii bahachuu akka qaban dubbatan. Dhalattoonni Oromoo biyyoota garaa garaa keessa jiraatan biyya isaaniifi uummata isaanii hiyyuummaa keessaa baasuuf, gara biyyaa dhufuun misoomaafi Invastimantii irratti akka hirmaachuu qaban waamicha dhiyeessuun Mootummaan Naannoo Oromiyaas deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu himaniiru. Daarektarri Daarektooreetii Hirmaannaa Diyaaspooraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Amiin Jundii akka jedhanitti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hirmaannaa hawaasni diyaaspooraa sochii siyaas-diinagdeefi hawaasummaa biyyattii keessatti qabu akka dabaluuf hojjechaa jira jedhan. Diyaaspooraan ijaarama isaa cimsee tokkummaa isaa jabeessuun nageenyaafi misooma biyya isaatiif gama barbaachisu hundaan hirmaannaa taasisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru. BKO

