Guraandhala 15/2017 Gumii yaa’ii Walii galaa Waldaa diyaaspooraa Oromiyaa

Waldaan diyaaspooraa Oromiyaa gumii yaa’ii walii galaa 8ffaa isaa galma Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti bakka keessummonni kabajaa fi miseensonni waldaa diyaaspooraa Oromiyaa argamantti adeemsisee jira.
Yaa’ii kanaanis hojiileen gurguddoon waldichaan hojjatamaa turan bakka miseensotaa fi keessummoonni argamanitti dhiyaateera.
Yaa’icharratti kan argaman itti gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii MN Oromiyaa Dr Abdulaziz Dawud, dhaamsa dabarsaniin diyaaspooraan carra jiru hundatti fayyadamuun ofis fayyade biyya isaafi hawaasa keessa bahe misoomaan akka gargaaru qabu dhaamaniiru.
Hogganaa dhimma diyaaspooraa Oromiyaa kan tahan Obbo Amiin Jundiis gama isaaniitiin diyaaspooraan tokkummaan humna waan ta’eef ijaaramee cimuu qaba jechuun dhaamsa dabarsanii jiru.
Walitti qabaan boordii waldaa diyaaspooraa Oromiyaa Dr Abdulaziz Ibrahim, gama isaaniitiin akka jedhanitti waldaan hundeeffama isaa irraa ka’ee hanga har’aatti diyaaspooraa qindeessuun gahee Isa irraa eegamu bahaa kan ture tahuu isaa ibsuun boordiin haarofti guyyaa har’aa filamus ciminaan faayidaa fi mirga diyaaspooraa Oromiyaatiif akka hojjatu gaafatunii jiru.
Gama birootii, Itti aantuun Buusaa Gonofaa Oromiyaa aadde Eldaanaa Suleeyman, Hoggantuun Industiriyaal Paarkii Oromiyaa Aadde Sannaayit Mabre akkasumas I/aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Shaggar Obbo Gugsaan Saganticharratti argamuun dhaamsa dabarsanii jiru.
Yaa’ichaan gabaasni Ooditii, Gabaasni hojii fi keeyyatootni danbii ittiin bulmaata waldichaa foyya’uu qaban yaa’ichaaf dhihaatuun mirkanaa’anii jiru.
Dhumarrattis, gumiin yaa’iin walii waligaa waldichaa kun miseensota boordii hanga har’aa tajaajilaa turan kabajaan gaggeessuun miseensota boordii haaraa filachuun yaa’ii isaa xummuree jira.
Bu’uuruma kanaan, Aadde Saara hasan Pireezidaantii fi Walitti qabduu Boordii Waldaa diyaaspooraa Oromiyaa ta’uun filamaniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *