Yaa’iin Waliigalaa 8ffaan Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa gaggeeffamaa ture xumurame.
Prime Media(Finfinnee)_Yaa’ii kana irratti miseensota fi keessummoni hedduun kan argaman yoo ta’u milkaa’inaa fi hojiiwwan waldichi erga hundaa’ee hojjate irratti ibsi bal’aan dhiyaateeraa
Yaa’ii waliigalaa waldichaa irratti kan argaman Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dr.Abdulaziiz Daawuud diyaaspooraan qabeenya, beekumsaa fi muuxannoo qabaniin carraa invastimantii biyyattii irratti akka hirmaatan dhaamaniiru.
Dayireektarri Dhimmota Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amiin Jundii gama isaaniitiin Mootummaan biyya keenyaa sirnaa fi biyya ijaaraa jira wan taheef Diyaaspooraan ijaarsa biyyaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiheessaniiru.
Sagantaa kana irratti Carraalee invastimantii Itiyoophiyaan qabdu, kan Oromiyaa fi Magaalaa Shaggar irratti ogeessota dhimmichi ilaallatuun ibsi taasifameera
Yaa’ii kanaan Waldichi karoora bara 2017 fi keeyyaattota Fooyya’uu qaban ergaa ilaalee booda miseensota bordii duranii gaggeessuun miseensa boordii haaraa filaatera.
Mahammed Ammayyuu

