Bulchiinsi Magaalaa Shaggar, guyyaa har’aa irraa eegalee investimentii irratti simannaan abbootii qabeenyaa kan eegalu tahuu beeksise.

Magaalaan Shaggar abbootii qabeenyaa investmentii irratti bobba’uu barbaadan simachuuf qophii hunda kan xumure tahuu miidiyaaleef ibsa kan kennan Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar, magaalaan Shaggar turtii hundeeffama ishee waggaa lamaa keessatti haalota simannaa investmentii gaggeessuuf isa dandeessisan raawwachaa turuu ibsuun, guyyaa har’aa irraa eegalee abbootii qabeenyaa ulaagaa guutan simachuuf haal-dureewwan hundi xumuramuu ibsaniiru.
Magaalaan Shaggar gosoota investmentii garaa garaa 4000 ol qabaachuu kan himan Dr. Tashoomaan, investmentiin wal qabatan adda baasuun osoo hin sirreessin simannaa haaraa gaggeessuun rakkisaa tahuu irraan kan ka’e hanga ammaatti simannaan investmentii osoo hin gaggeeffamin turuu himaniiru.Turtii waggoota lamaan darbaniitti sadarkaa investmentootni irra jiran adda baasuun kanneen lafa dabalataa fudhatan, osoo hojjechuu qabanii fi hojjechuufis humna qabanii, garuu tajaajila barbaadameef irra hin oolchine akkasumas sababoota biroo adda baasuun waliigalaan abbootii qabeenyaa 1,000 ta’an irratti tarkaanfiin kan fudhatame tahuu himaniiru.Kana malees, lafa kiraan fudhatamee osoo liiziitti hin jijjiiramin qaamolee garaa garaan qabamaa turee fi qabamuuf yaalamaa ture hunda irratti tarkaanfii fudhatameen liizii jalatti deebisuun kan danda’ame tahuu ibsaniiru.Yeroo ammas tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhatameen magaalichatti investmentootni hundi hojiirra jiraachuu himaniiru.Magaalaan Shaggar, Magaalaa yaadama haaraan ulaagaa magaalota jaarraa 21ffaa guuttee ijaaramte, Magaalaa Dinagdee tahuu kan himan Dr. Tashoomaan, simannaan abbootii qabeenyaa taasifamu kanneen kalaqa haaraa maddisiisuu danda’an, carraa hojii bal’aa ogummaa bu’uureffate uuman, dinagdee magaalichaa guddisuu danda’anii keessumaa manufaakcheriingii fi konistiraakshinii irratti ulaagaawwan magaalichi qopheeffate guutuun dorgommii mo’atan qofa bakka magaalichi qopheesseef irratti, tajaajila lafichaaf adda bahe kanneen hojjechuuf humna guutuu qaban kan simataman tahuu himaniiru. Yeroo ammaas, lafa inveestimantiif oolu hektaara 3,525 qopheessuun, abbootii qabeenyaa 2,350 simachuuf guyyaa har’aa irraa eegalee simachuuf qophii hunda kan xumure tahuu himaniiru. Magaalaa Shaggar keessatti akka waggoota darbanii, namoota Investimentiif lafa fudhatanii, erga fudhatanii booda maal irratti akka hojjatan kan yaadan osoo hin taane, namoota muuxannoo investimentii qabanii fi investi gochuu danda’an qofaaf kan kennamu tahuus himaniiru. Haaluma wal fakkaatuun, jiraattota biyya alaa dhuunfaanis tahe waldaan mana jireenyaa waliinii G+4 irraa eegalee ijaaruu barbaadan 10,000 simachuufis qophiin hundi xumuramuu ibsaniiru. Hanga ammaattis manneen waldaan jiran hundi ashaaraa galanii kan jiran tahuu ibsuun, manneen jireenyaa hafanis yeroo dhihootti kan ashaaraa kan galan tahuus ibsanii jiru. Magaalichatti gamoo waloo G+4 irraa eegalee kanneen ijaaruu barbaadaniif dursi kan kennamu tahuu kan Dr. Tashoomaan, abbootiin qabeenyaa ijaarsa manaas tahe investmentii irratti bobba’uu barbaadan karaa website qophaa’ee jiruu bakka jiranii galmaa’uun dorgomuu kan danda’an tahuu hubachiisaniiru. Bakka Magaalichi qopheessetti waldaaleen miseensa 12 hanga 24 qaban mana waliinii G+4 irraa eegalee ijaaruu barbaadaniif kan kennamu tahuu himuun, jiraattota biyya alaa qaamaan dhiyaachuu hin dandeenyeef Investmenti Giruuppiin Magaalaa Shaggar bakka bu’iinsaan raawwachuu kan danda’u tahuu ibsaniiru. Gama faayinaansiitii invastimantichi ittiin hojjetamuun kan walqabate, faayinaansiin hundi karaa Baankii Siinqee qofa kan raawwatuu fi abbootiin qabeenyaa dorgoman hundi lakkoofsa herrega Baankii Siinqee banachuun baasii investimentichaaf barbaachisu hunda Baankicha irratti galchuu akka qaban Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa himaniiru. Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *