Oduu Gammachisaa Diyaaspoora Oromiyaa hundaaf

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar invastimantii fi Gurmii Misooma manneen jireenyaatiif haal-duree barbaachisu hunda xummuruun hojii jalqabuu isaa Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Dr tashooma Addunyaa ibsa miidiyaaleef kennaniin ibsaniiru. Bu’uuruma kanaan dura Kabajamoon Pireezidaantii BMNO Obbo Shimallis Abdiisaa diyaaspooraan keenyaa shaggaritti gurmaa’ee mana jireenyaa akka ijaarratuuf yaamicha godhaniin, bulchiinsi magaalaa shaggaris yeroo ammaa , diyaaspooraa gaaffii fi fedhii ijaarsa gurmii manneen jireenyaa irratti hirmaachuu barbaadan 10,000 akkaataa qajeelfama qophaaheen keessummessuuf qophii xummuruu isaanii waan ibsaniif diyaaspooraan keenyaa carraa kanatti akka fayyadamtan isin beeksifna.
Amin Jundi

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *