Yeroo ammaa sadarkaa qulqullinni barnootaa biyya keenyaa irra jiru tilmaamuun eenyumaafu rakkisaa miti.
Sadarkaa biyya keenyaattis ta’e Naannoo keenyaatti miidhaa gama qulqullina barnootaatiin mudate furuuf qooda fudhattootni dhimmi ilaallatu hunduu gumaacha hedduu godhaa jiraachuun isaa ni beekkama.
Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Inisheetiiviiwwaan kabajamoo pirezidaantii MNO Obbo Shimelis Abdisa tiin manneen barnoota ifa boruu fi bu’uura boruu hedduun godinoota fi bulchiinsa magaalota Oromiyaa keessatti ijaaramanii hojii baruu fi barsiisuutiif oolan yeroo ammaa firiin/bu’aan isaanii mul’achuu eegalee jira.
Akkuma qooda fudhattoota birootti waldaan diyaaspooraa Oromiyaas hirmaannaa diyaaspooraa oromiyaatiin mana barnoota bu’uura boruu Soole bulchiinsa magaalaa Adaamaatti ijaarsisuun hawaasaaf dabarsee gumaacheera.
Sadarkaa deeggarsa namoota dhuunfaatiin immoo miseensa boordii Waldaa diyaaspooraa oromiyaa kan ta’anii fi diyaaspooraan biyya Ameerikaa Obbo Lalisaa Hiikaa walitti fufiinsaan deeggarsaa fi tumsa qulqullina barnootaa furuuf taasifamu keessatti beekkumtii hogganaa biiroo barnoota Oromiyaa kabajamoo Obbo Dr Tolaa Barisotiin qooda olaanaa gumaachaa jiraachuun isaanii ni beekkama.
Obbo Lalisaa Hiikaa, yeroo ammaa godinoota Oromiyaa hedduu keessatti adda durummaan hojii barnoota dijitaalessuu (Digital educational System) fi akkaataa barattoonni haala salphaan barnoota isaanii itti qayyabachuu fi bu’aa qabeessa ta’an irratti tola ooltummaadhaan hojiilee boonsaa hojjatuurratti argamu.
Bu’uuruma kanaan, Godina Qeellam wallaggaa, Godina booranaa , Godina Arsii fi Harargee bahaatti manneen barnoota sadarkaa 2ffaa hedduu deeggaruun jijjiiramni barnootaa bu’uurarraa akka dhufu kaka’umsa dhuunfaa isaaniitiin tumsa godhaa jiru.
Miseensotni WDO Oromia Diaspora Association biroos beekkumsa fi qabeenyaa qabdaniin hawaasa keessaa baatan fakkeenyummaa Obbo Lalisaa hiikaa kanaan gumaacha lammummaa akka gootan gaafataa Obbo Lalisaa hiikaatiin jabaadhaa, hedduu galatoomaa jenna.

