Fulbaana 6,2018 Finfinnee

Miseensonni boordii Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa guyyaa har’aa Obbo Ayyaana Buli Fayyisaa diyaaspooraa biyya Ameerikaa kan ta’aniifi dhimmoota ijoo biyya keenyaa irratti meediyaalee hawaasaa fi miidiyaa idileetiin marii gochuun beekkaman baga nagaan gara biyya keessanii dhuftan jechuun affeeraa laaqanaa gochuufin simatan.
Sagantaa kanarratti dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee diyaaspooraa oromiyaa akkasumas dhimmoota ijoo biyya keenyaa ta’an adda addaa irratti mariin taasifamee jira.
Miseensotni boordii Waldaa diyaaspooraa Oromiyaas sochiilee ciccimoo obbo Ayyaanaa Bulii kaka’umsa dhunfaa isaaniitiin bekkumsaa fi ragaalee qabatamaa biyya keenyaa irratti hundaa’uun taasisaa turaniif galateeffatanii jiru.
Amin Jundi
Idris B. Abdela

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *