Diyaasporaa Hirmaachisuun Inveestimentiifi Misooma Oromiyaa Milkeessuuf Hojjetamaa Jira.

Waldaan diyaasporaa Oromiyaa A.L.Atti bara 2015 miseensota 60′ kan hundaa’e yeroo ammaa miseensota kuma 13 irra ga’ee jira. Waldaan kunis hojii inveestimentiifi misoomaa irratti hirmaachuun carraa hojii uumuufi dinagdee biyyaa guddisuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Diyaasporaanis jaalalaafi kabaja biyya isaaniif qaban hojii investimentiifi misoomaa irratti hirmaachuun agarsiisu qabu. Diyaasporaan Oromiyaas kallattii adda addaan misooma biyya keenyaa tumsaa jiru.
Guyyaa har’aas sagantaan marii dhimma hirmaannaa investimentii diyaaspooraa Oromiyaafi misoomaa waajjira piresidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti taa’amee jira. Kaayyoon isaas haala guddinni misoomaafi biyyaa irra jiru hubachiisuufi qooda diyaasporaan investimentiifi misooma Oromiyaa keessatti qabu hubachiisuudha.
Itti Gaafatamaan Dhimma diyaasporaa Oromiyaa Obbo Amiin Juundii jijjiirama siyaasaa fiduu keessatti diyaasporaan ga’ee guddaa ba’uu ibsanii,yeroo hongeen mudateefi ijaarsa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaaf deeggarsa taasisaa turaniif galateeffatanii jiru.
Itti gaafatamaan waajjira piresidaantii Oromiyaa Dr.Abdullaaziz Daawud bara 2000 sadarkaa biyyaatti diyaasporaaf waamichi taasifamuun gara biyyaa dhufanii turuu ibsuun carraa kanatti sirnaan hin fayyadamin hafuu himaniiru.Diyaasporaanis kan biyya tumsuuf hojjetu akka jiru kan biyya diiguuf hojjetus jira jedhan.Uummatni waan guddaa isin irraa waan eeguuf misooma uummataa deggaruu akka qaban waamicha taasisanii jiru.
Itti aanaan hogganaa biiroo inveestimentii Oromiyaa Obbo Eliyaas Dannaqaas haasaa taasisaniin diyaasporaan Oromiyaa walqixxummaa fiduuf qabsoo guddaa taasisaa turuu ibsuun yeroo ammaa sirni hundaaf mijatu ijaaramee gaaffii dinagdee irra jirra jedhan. Labsiiwwan inveestimentiif danqaa turan hedduun fooyya’ee waan jiruuf sadarkaa naannootti diyaasporaaf simannaan taasifamuun investimentiitti akka bobba’uuf haalli mijataan jijjiiramaan asitti uumamuu himaniiru. Yeroo ammaas inveestiwwan kuma 23 ol Oromiyaa keessa jiraachuu ibsaniiru.
Keessuma bifa adda ta’een magaalaa Shaggar keessatti inveesti gochuuf haalli hundi mijatee waan jiruuf diyaasporaan Oromiyaa gara Shaggar dhufuun akka misoomsan affeeramaniiru. Waldaan diyaasporaa Oromiyaas gama barnootaan ijaarsa manneen barnootaafi kitaaba dhiyeessuun deggersa gurguddaa gochaa akka jirus ibsameera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *