Diyaaspooraan qooda misooma biyya isaa keessatti qabu akka dabaluuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoo hojjechaa jira” Dr. Abdulaziiz Daawud I/G Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Mariin mata duree ”hirmaannaa Diyaaspooraa Oromiyaa Investimentiifi misooma hawaasaa keessatti” jedhuun dhimma misooma Oromiyaafi gahee Diyaaspoora Oromiyaa irratti xiyyeeffate Hoggantoota Olaanoo Mootummaa Federaalaa, Oromiyaafi Hoggantoota Waldaalee Diyaaspooraafi miseensota Diyaaspooraa hirmaachise waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taasifameera.
Sagantaa kanarratti kan argaman I/G W/ra Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dr. Abdulaziiz Daawud Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo kamiiyyuu caalaa diyaaspooraa waliin qindoomee, diyaaspooraan misooma biyya abbaa isaa keessatti qooda isa akka guddisuuf kutannoo olaanaan hojjechaa jiraa jedhan. Diyaaspooraan Oromiyaas Ambaasaddara biyya isaa ta’ee, fedhii biyyaalessaa isaa eegsisuuf kutannoo isaa dabaluu qaba jedhaniiru.
Marii kana irratti carraan Investimentii akka naannoofi magaalaa Shaggaritti jiru gama Hogganaa itti aanaa Biiroo Investimantiifi Indastirii Oromiyaa obbo Ermiyaas Dannaqaafi Dr. Haayilamika’eel Alamuutiin walduraa duubaan miseensota diyaaspooraatiif ibsameera.
Marii kana irratti yaadaafi gaaffii miseensota Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaarra dhiyaateef Waajjira Pireezidaantiitti Daayirektarri Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amiin Jundii, Daayirektara Olaanaa Itti aanaan Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Obbo Balaayneh Aqnaawufi Hogganaan Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa obbo Abdaa Jamaal deebii kennaniiru.
Sagantaa kana Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaatu qopheesse.

