COVID-19 Caamsaa 8/2012

Miseensonni Waldaa Diyaaspoora Oromiyaa (WDO) Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Namoota Harka qalleeyyii sababa Vaayirasii COVID-19 tiin miidhamuu danda’an 200f deeggarsa taasisaniiru. Miseensonni WDO Adaama jiraatan qarshii 215,000 ol walitti qabuun qaama midhamtootaa fi harka qalleeyyiif Isteediyeemii Adaamaatti bakka kabajamoon Kantiibaa Adaama Obbo Assagid Geetachoo fi hogganttoonni waajjiraalee Bulchiinsa Magaalaa argamanitti deeggarsa taasisaniiru.
Waldaan Diyaaspoora Oromiyaa Miseensota keenya Magaalaa Adaamaa jiraatan fakkeenya Diyaaspoora birootif ta’uu isaaniitiif sirritti galateeffata. Dhumarrattis, Hoggantoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa deeggarsa qindaa’ina sagantaatiif nuuf gootaniif hedduu galatoomaa jenna.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *