Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Daayirektoreetiin Dhimma Dayaspooraa Oromiyaa leenjii “Fookaal Parsanoota” godinaaleefi bulchiinsa magaalootaatiif kennaa jira.
Waajjira Pireezidaantiitti Daayirektooreetiin dhimma Dayaspooraa Oromiyaa waggoottan muraasa darbaniitti gama misooma Dayaaspooraatiin hojiilee gurguddoo hojjechaa kan tureefi, bara kanarraa jalqabee sadarkaa waajjiraatti xiyyeeffannaan addaa kennameefi hojjetamaa jiraachuu Waajjira Pireezidaantii Oromiyaatti Daayireektarri Dhimma Daayaspooraa Obbo Amiin Jundii himaniiru.
Itti Aanaa Itti gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Faajjii Caalaa Dayaaspooraan yoo karooraafi sirnaan waliin hojjetame carraa misoomaa guddaadha kan jedhan yoo ta’uu, faallaa kanaatiif daayaspooraaf yoo xiyyeffannaa gadi aanaan kennameefi waliin irratti hin hojjetamne dayaaspooraan sodaas ta’uu akka danda’u wayita leenjii eegalchiisan himaniiru.
Leenjiin waajjiraa Pireezidaantiitiin qopha’ee kunis Daayaspooraa Misoomaafi guddina Naannoofi biyya keessatti gahee isaa akka bahatuu taasisuufi, deeggarsa akka motummaatti taasisnu wal fakkaataafi beekumsa irratti kan ijaarame taasisuuf akka ta’e Obbo Faajjiin ibsaniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *