OBN Mud. 10 2013- Waldaan diyaaspooraa Oromiyaa fi Miseensoonni isaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Argaman, meeshaalee barnootaa barattoota harka qalleeyyii bulchiinsa Magaalaa Adaamaa deeggaruuf oolu Waajjira Barnootaa Magaalichaaf kennan.
Waldichi deeggarsa barattoota harka qalleeyyii Magaalaa Adaamaaf guyyaa har’aa taasiseen dabtara Darzana kuma 1 fi qalama, barattoota kuma 1fi 200’f kan taasise ta’uu Qindeessaan Miseensota Waldaa Diyaaspoora Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mohaammad Abduljaliil himan.
Waldaan kun hojiilee tajaajila lammuummaatiin biqiltuu dhaabuu,manneen barnootaa haaromsuu,namoonni harka qalleeyyii ta’aan vaayirasii koronaan akka hin miidhamneef deeggaruu dabalatee Magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti hojiilee addaa addaa hawaasa tumsaa jiras jedhan Obbo Mohaammad.
Egereen biyya kanaa dhaloota har’a barateen kan murtaa’u waan ta’eef barataan kamuu sababa meeshaalee barnootaa dhaabuun, maatiinis harka qalleeyyii ta’aaniif barumsarraa hafuu hin qabu. Deeggarsi taasifamee kun meeshaalee barnootaaf tajaajila kanneen biroos dabaluun gara fuldurattis bifa qindaa’een itti fufa kan jedhan ammoo Obbo Mohaammad Jaafar Hundeessaa fi Qindeessa miseensota Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa biyya Ameerikaati.
Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Dinquu Hundee deeggarsa yeroo garagaraatti dhaabbilee tola ooltotaafi mootummaarraa meeshaalee barnootaa barattoota harka qalleeyyiif taasifamaa jiru waajjirri barnootaa Magaalattii dabarsee kennaa kana jiru ta’uu himanii, barattoonni harka qalleeyyiis manneen barnootasaaniirra qulqulleeffamuun deeggaramaa jiru, ammas barattoota deeggarsi kun isaan barbaachisu biraan kan gahan ta’uu himaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii Lammiilee Diyaaspooraa hojiilee misoomaan biyyaasaanii tumsaa jiraniif deeggarsa gargaraa bulchiinsa magaalichaaf taasisaa jiran galateeffataniiru.
.Leensaa Waaqwayyaatu gabaase

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *