Ebla, 08/2012
(WDHKBMR, Roobee Baalee)
Bulchiinsa magaalaa Roobeetiif Waldaan Diyaaspooraa Oromoo ittisa dhibee vaayrasii kooronaa koovid, 19,f ,kan oolu saanitaayzarii fi saamunaa deeggarsa taasisan. Bakka bu’aan waldaa diyaaspoora Oromoo biyya keessa kan tahan Obbo,Abduljaliil Jamaal yaada kennaniin ummata keenya dhibee addunyaa raasaa jiru kana irraa baraaruuf aantummaadhaan ummata keenya baraaruuf magaalota Oromiyaa gara garaa keessatti sochii taasisaa kan jiran tahuu ibsanii ,sochii hubannoo hawaasaa kennuu fi deeggarsa gara garaa itti fufiinsaan kan taasisan tahuus ibsanii jiru. Deeggarsa namoota harka qalleeyyiif oolu saaniyatarii 60,fi saamunaa dhiqannaa harkaatiif oolu 300 kantiibaa bulchiinsa magaalaa Roobee,Obbo,Abduljaliil Abdurrootiif dabarsanii kennaniiru.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee Obbo,Abduljaliil Abdurroo yaada kennaniin yeroo rakkoo addunyaa fi biyyi keessa jirtuu kanatti quuqama ummata keessaniif qabdan irraa kan ka’e deeggarsa taasisaniif galateeffatanii jiru.

