Haaluma walfakkaatuun OOLMAAN GUYYAA 10ffaa – WDO deeggarsa lammiif taasisu itti fufuun gaafa Ebla 9 ,2012 GODINA BAALE bulchiinsa Magaalaa Diinshootti argamuun hojii Vaayirasii COVID-19 Irratti hubannoo uumuu fi deeggarsa laachuu taasiseera. Hojiin hubannoo uumuu Hawaasa Magaalaaf Sagalee guddiftuun kenname jira. Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Diinshoo Obbo Ibrahimii fi Bulchaa Aanaa Diinsho obbo Hasan akkasumas itti gaafatamaa Paarkii Diinshoo Obbo Haashim fi hoggantoota Sektaroota garagaraa waliin marii bal’aa taasisneera. Fuuldurattis WDO hojii itti fufiinsa qabu Misooma Paarkii Diinshoo ilaalchise akka hojjatu waada galee jira.

