Guraandhala 26,2016 Diyaaspooraan Oromoo biyya United Arab Emirates, Abu Dabi jiraatan Biiroo Barnoota Oromiyaatiif kitaabilee wabii barnootaa kuma digdamaa (20,000) ol ta’u deeggarsa godhan.
Deeggarsi kunis bakka Itti aanaan daayireektara Tajaajila Diyaaspooraa federaala Obbo Balàay Aqinaawu, Obbo Girmaa Damissee Bakka bu’aan Imbaasii Itiyoophiyaa Abu dabi,Dr Abdulaziz Dawud itti gaafatama waajjira pireezidaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Amiin Jundii waajjira pireezidaantii Oromiyaatti hogganaa daayirektoreetii diyaaspooraa Oromiyaa, Dr Galaana W/Mikaa’eel Itti aanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa, Obbo Abdulnaasir Haroo itti gaafatamaa Hawaasa diyaaspooraa Abu daabi , Obbo Abdulaziz Ibraahim Walitti qabaan boordii waldaa diyaaspooraa Oromiyaa fi keessummonni biroo argamanitti wal-harkaa fuudhinsi taasifamee jira.
Saganticharratti I/gaafatamaan waajjira pireezidaantii Oromiyaa Dr Abdulaziz Dawud hawaasa diyaaspooraa biyya UAE,Abu dabi erga galateeffatanii booda ,diyaaspooronni biyyoota adda addaa jiran deeggarsa gara garaa gochuun hawaasa keessaa bahan akka deeggaran dhaamsa dabarsaniiru.

