Barnoonni bu’uura waan hundaati

Waldaan Diyaaspoora Oromiyaa guyyaa har’aa mudde 10,2013 Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti argamuun barattoota harka qalleeyyiif kan oolu deeggarsa meeshaalee barnoota barattoota 1200(kuma tokkoo fi dhibba lamaaf) ta’u arjoomeera. Mallaqni bittaa meeshaalee Deeggarsa barnootaaf oole Kunis Miseensota waldaa Diyaaspoora Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa jiraatan,Miseensa boordii WDO fi Abbaa kolleejjii US kan ta’an obbo Tolaa gadaa fi waldaa Diyaaspoora Oromiyaatiin kan deeggarame dha.

Hoggantoota seektaraalee garagaraa Bulchiinsa Adaama qindoomina cimaa fi Simannaa nuuf gootaniif hedduu Ulfaadha jenna.

Akkasumas qindeessaa Miseensota waldaa Diyaaspoora Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kan ta’an Obbo Muhammad Abduljalil deeggarsa irra deddeebin Diyaaspooraan misooma Magaalaa cinaa akka dhaabbattu ciminaan hojjachuu keessaniif irra deebine galatoomaa jenna.

Dhumarrattiis,Miseensa waldaa Diyaaspoora Oromiyaa fi hundeessaa kan ta’an obbo Mohammed Jafer nu biratti argamuu keessaniifi fuula duraafis Diyaaspoora biyya USA qindeessuun barnoota irratti hojjachuuf waadaa galuu keessan dinqisiifataa qabatamaanis akka deeggartan Abdii isinirraa qabna.

*****//******

Oromia Diaspora Association support educational materials at Adama City Administration for 1200 needy students.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *