Sirnoonni simaannaa kunniinis Bor Magaalaa Finfinnee Hooteela Hayatt Regencytti kan eegalu yoo tahu,Magaalaa Adamaa dabalatee bakkeewwan garaagaraatti kan raawwatu tahuun eerameera.
Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waamicha Ministeerri Muummee diyaasfooraaf taasisaan irratti hundaa’uun simannaa diyaasforotaaf qophii garaa garaa taasisaa turuu miidiyaaf ibsa kan kennaan Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Darekterri Dhimmoota diyaasfooraafi pirees Sekereetarii Pirezidaantii, Obbo Amiin Juundii bulchiinsi naannoo keenyaa Sagantaa ‘Anaa dhufu ijoollee biyyaa’ jedhuun magaalaa Adaamaattis sanbata xiqqaa dhufu sirni simannaa qophaa’ee jiraachuu eeraniiru.
Sagantaa kanaan,carraaleen humna investimentii naannoo keenyaa lammiilee diyaasforaaf kan ifuufi hojiiwwan misoomaa,bakkeewwan hawwata turizimii,paarkiifi industiriiwwanfi kanneen biroo kan dawwataman tahuunis eerameera.
Naannoon keenya wayita biyyi keenya rakkoo waraanaaf saaxilamtee jirtutti harka tokkoon nageenya mirkaneessuuf hojjechaa harka biroonimmoo misooma naannichaa saffisiisuuf hojjetaa turuu miidiyaaf kan ibsan, Hooggantuun BATO Addee Sa’aadaa Usmaan,dhalatoonni biyya keenyaa waamicha Muummicha keenyaa kabajuun gara biyya keenyaa dhufaniif sagantaalee Anaa dhufuu qophaa’ee jiraachuu eeraniru.
Sagantaa kanaan gosoonni Ispoortiifi dorgommiiwwaan Ispoortii garaagaraas kan raawwatan tahuun ibsameera.

