Oduu Gammachiisaa Diyaaspooraa Oromiyaa hundaaf

I/aanaan Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Shaggaariifi Qindeessaan kilaastaraa bulchiinsaa fi tajaajilaa Obbo Gugsaa Dajanee, gumii yaa’ii walii galaa Waldaa diyaaspooraa Oromiyaa gaafa 15/6/2017 galma Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti geggeefame irratii argamuun hawaasa diyaaspooraa Oromootiif,akkaataa qajeelfama Misooma manaa fi gamoowwanii magaala Shaggar lakkoofsa 26/2017tiin diyaaspooraan Oromoo gurmaa’ee carraa kanatti akka fayyadamuu danda’uuf ibsa bal’aa laatanii jiru.
Akkaata dambii fi qajeelfamaatiinis diyaaspooraan Naannoo keenyaa gurmaa’ee misooma fi carraa invastimantii Bulchiinsi magaalichaa qopheessatti akka fayyadamu yaamicha godhanii jiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *