Oduu Gammachiisaa 25/08/2016

Miseensota waldaa diyaaspooraa Oromiyaa Oromia Diaspora Association gaaffii investimantii gaafatan hundaaf
Boordiin Investimantii Oromiyaa waltajjii gaafa 18/8/2016 taa’een gaafii piroojektiiwwan investimantii 3700 ol ilaaluun murtee kennee jira.
Kana keessaa gaaffii investimantii diyaaspooraan dhihaatan keessaa piroojektiiwwan 148 murtee boordii argachuu isaanii ibsaa ,miseensota diyaaspooraa murtee boordii argattan hundaa baga gammaddan jenna.
Naannoo Oromiyaatti Invastarootni Haaraan 3,747ol Kaappitaala Qarshii Biliyoona 148 ol galmeessisan murtii Boordii argachuu Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa beeksise
Ebla 24, 2016- Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsa Miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti bara 2016 keessa Invastaroota 3,747 ol Kaappitaala Qarshii Biliyoona 148 ol galmeessisan lafa heektaara Kuma 35 irratti waltajjii gaafa guyyaa 18/8/2016 Boordiin Invastimantii gaggeesseen Murtii Boordii argatanii jiru.
Pirojektootni kunneen humna guutuun yemmuu hojii keessa galan Carraa Hojii namoota 579,114 tiif uumuu akka danda’anii fi jalqaba Kiraa liizii lafaa hanga qarshii biliyoona 5nii Naannichaaf galchuu akka danda’an akkasumas humna guutuun gaafa hojiitti galan Galii hanga Qarshii biliyoona 43 Naannichaaf galii galchuu akka danda’anis itti dabaluun Obbo Ahimad ibsanii jiru
Madda Invastimantiin yemmuu ibsamus Abbootii Qabeenyaa Biyya Keessaa babal’ifannaa, Diyaaspooraa, Biyya Alaa , Qonnaan Bulaa fi gamisa Horsiiseen Bulaa fi Waldaa Hojii Gamtaa kan dabalatu ta’uun himamee jira.
Abbootiin qabeenyaa kunis guyyaa xalayaan kennameef irraa eegalee guyyaa 45 keessatti qorannoo sakatta’iinsa Naannoo taasisuun waliigaltee kan mallatteessan yoo ta’u, ji’oota 4 keessatti hojii lafa fudhatan irratti eegaluu qabu
Seektara Damee Diinagdeetiin Qonna, Manufakcharingii, Agro Industirii fi Tajaajila ta’uu Obbo Ahimad dabalataan ibsanii jiru
Dhuma irrattis Pirojektootni Invastimantii murtij Boordii argatan kunneen akkaataa waliigaltee seenaniin yeroo gabaabaa keessatti hojiitti galuu akka danda’an Caasan sadarkaa sadarkaa jiru Deeggarsaa fi Hordoffii barbaachisaa taasisuun yeroo gabaabaa keessatti lafti harka gahu xiyyeeffannoo guddaa itti kennuu akka qaban ibsuun Caasaan kana keessatti seeraan hin raawwanne itti gaafatamummuu akka fudhatan Obbo Ahimad dhaamsa dabarsanii jiru

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *