Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaa Du’aan addunyaa kanarraa boqachuu Obbo Zagayyee Asfaawu gadda itti dhagahame ibsaa; Obbo Zagayyeen bara umrii dargaggummaa isaanii irraa kaasee gumaacha olaanaa gumaachaa kan turanii fi qabsaa’aa mirga ummataa turan.
Obbo Zagayyeen qabsoo bara dargaggummaa isaanii taasisaa turaniin keessattuu qabsoon mirga qabiyyummaa lafa qonnaan bulaa biyya keenyaatiif falmuu bira darbee hanga qophii fi hojiirraa oolmaa mirga qabiyyummaa lafa qonnaan bulaatti (Land to the Tiller) gumaachi isaanii olaanaa fi bara baraan kan yaadatamuu dha.
Yeroo ammaa Nageenyaa fi itti fufiinsa biyya keenyaa qabatamaan ijaaruu keessattis Obbo Zagayyee Asfaawu Komishinara Komishinii Marii biyyaalessaa ta’uun gumaacha olaanaa bahachaa kan turan ta’uun isaa ni beekkama.
Waldaan diyaaspooraa Oromiyaa irra deebi’ee gadda itti dhagahame ibsaa maatii fi firoottan isaanii hundaaf jajjabina hawwa

