M.F.D.R.I. tajaajila saffisaafi gahumsa qabu lammii biraan gahuuf sirna dijitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuun isaa nibeekama. Haaluma kanaan lammiin Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan tajaajila kanarraa akka fayyadaman taasisuufi sanadoota sobaa ittisuuf Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Ethio-telecom waliin ta’uun hojiin sanada mirkaneessuufi wakiilummaa kennuu kan kanaan dura karaa maanuwaaliitiin raawaatamaa ture gara dijitaalaatti jijjiiruun qophii xumuree jira.
Kanaafuu, Bitootessa 30, 2018 irraa eegalee imbaasiin keenya tajaajila wakiilummaafi sanada mirkaneessuu toora interneetii qofaan kan kennu ta’a isin beeksisaa tajaajila kana application Telesign (APP Store ykn Play Store irraa) buufachuun argachuu akka dandeessan gammachuu guddaadhaan isin hubachiifna. Gargaarsa teeknikaa argachuuf kutaa Qoonsilaa Imbaasichaa 30064604/ 44218549irratti bilbiluu dandeessu.
Tajaajila kana argachuuf linkii application jala jiru kurucuun akka dandeessan isin beeksifna.
Hubannoo keessaniif akkaataa hayyama bakka bu’insaa (mirga wakiilummaa) kennuufi kan kenname diiguu dandeessan suuraa armaan gadii irraa hubatuu dandeessu.
