Obbo Lalisaa Hiikaa galatoomaa
Manni Dubbisa Kitaabaa Magaalaa Dambi Doolloo Obbo Lalisaa Kabbadeefi Maatii isaan haareffamaa ture hojii eegale
Manni dubbisa kitaabaa magaalaa Dambi Dolloo yeroo dheeraaf tajaajila kan kennaa ture yoo ta’u, sababoota garaagaraan tajaajilli inni hawaasaaf kennu adda citee gaaffii uummataa ta’aa tureera
Rakkooleefi Sababoota kanneen sakatta’uun Waajjirri Barnootaa Godina Qellem Wallaggaa, Bulchiinsi magaalaa Dambi Dolloofi Diyaaspooraan dhalataa Dambi Dolloo ta’aniifi biyya Ameerikaa jiraatan Obbo Lalisaa Kabbadee akkasumas Haati Obbo Lalisaa Aadde Caaltuu Katamaa Qabeenyaafi yaada walitti ida’uun manni dubbisa kitaabaa kun akka haara’u akkasumas kutaawwan addaa addaa ijaarsisuun meeshaalee barbaachisu hunda guutanii guyyaa har’aa ifatti hojii eegalchiisaniiru
Obbo Lalisaa Kabbadee manni dubbisa kitaabaa kun seenaa qabaachuufi dhaloota darbaniif madda beekumsaa ta’ee tajaajilaa turuu himanii; yeroo ammaas baasii guddaa irratti baasuun meeshaalee barbaachisu hunda guutanii rakkoo isa mudate furuun hojii eegalchiisuu himanii, barattootni sirnaan itti fayyadamuun sammuu isaanii qaruu akkasumas hawaasni bal’aanis aadaa dubbisuu isaa fooyyessuun kunuunsee itti tajaajilamuu akka qabu dhaamaniiru
Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Qellem Wallaggaa Obbo Tasfaa Bariisoo jaalalli biyyaa qabeenya, humnaafi beekumsa ofii lammii ofiif oolchuun ifa jedhanii Ashaaraa Obbo Lalisaa Kabbadeefi maatiin isaa Godinicha guutuu keessatti qulqullinni barnootaa akka milkaa’uuf gochaa jiraniif kan galateeffatan ta’uu himanii kanneen kaanis hojii gaarii kana isaaniirraa muuxannoo fudhachuun gahee isaanii akka bahatan dhaamaniiru

