Fooramiin Invastimantii Diyaaspooraa Oromiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Fulbaana 19 , 2019

Fooramiin Invastimantii Diyaaspooraa Oromiyaa, diyaaspooraan qabeenya, dandeettii fi muuxannoo qabu gara biyyaatti deebi’uun invastimantii irratti bobba’ee misooma biyya isaa keessatti gahee isaa akka bahatuuf fooramii gaggeeffamaa jiruudha.
I/A pireezidantii Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Tesfaayee Diimaa, lammiileen sababa garaagaraatiin biyya isaanii irraa ba’anii biyyoota adda addaa keessa jiraatan, qabeenya, dandeettii fi muuxannoo horatan gara biyyaatti fiduun invastimantii irratti bobba’anii biyya isaanii keessatti akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
Saganticha irratti argamuun ergaa baga nagaan dhuftanii kan dabarsan Itti Gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii, Magaalaan Adaamaa akkuma magaalota Itoophiyaa biroo jijjiirama guddaa fi saffisaa keessa jiraachuu ibsaniiru.
Pilaanii guddina biyyattii keessatti mul’atu bu’uura godhachuun magaalaan guddina saffisaa galmeessaa jirtu tahuus ibsaniiru.
Magaalaan Adaamaa gara fuulduraatti magaalaa invastimantii fi daldalaa cimaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafuu, diyaaspooraan gara Magaalaa Adaamaa dhufuun carraawwan invastimantii jiranitti fayyadamuun mootummaa fi uummata waliin misooma keessatti akka hirmaatu waamicha taasisaniiru.
Hogganaan daayirektoreetii diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amiin Jundii, yeroo ammaa biyya keenya irratti dhiibbaan garaagaraa biyyoota adda addaa irraa aggaamamaa jiraatus, biyyi ofii ittiin kan boonan, ittiin of ibsan, akkasumas dhalootaa fi eenyummaa ittiin walitti kan hidhatan ta’uu ibsaniiru.
Diyaaspooraan humna siyaasaa, dinagdee fi dippilomaasii guddaa qabu ta’uu kan ibsan Obbo Amiin, waggoota darban keessatti biyya isaa irratti xiyyeeffannoo gahaa kennuu dhabuus, waggoota shanan darban keessa garuu diyaaspooraan gara biyya isaa ilaaluun invastimantiiwwan garaagaraa hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Diyaaspooraan bulchiinsa fi biyya itti hinqaanofne, akkasumas biyya ofii taate qabaachuu isaa hubachuun gara biyyaatti deebi’ee jijjiirama biyya isaa keessatti hojiiwwan gurguddoo akka hojjetu ergaa dabarsaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Kilaastaraa Misooma Magaalaa Oromiyaa Obbo Mulgeetaa Gabrahiwot gama isaaniin, fooramichi hojiimaata fi dambiiwwan invastimantii irratti hubannoo cimsuu, qabatamummaa hojiiwwan invastimantii akka biyyaatti hojjetamaa jiran irratti mari’achuu,hanqinaalee fi rakkoolee gama invastimantiin jiran adda baasuun furmaata irratti hojjechuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Sagantaa fooramii guyyaa har’aa geggeeffameen carraa invastimantii naannoo keenyaa ilaalchisee mariin paanaalii hirmaattota biiroo invastimantii, daayirektoreetii diyaaspooraa Oromiyaa fi zoonii diinagdee addaa gadaa irraa dhufaniin hirmaattotaaf ibsi kennameera.
Saganticharratti I/Anaan pireezidaantii baankii daldalaa itiyoophiyaa rijinii bahaa Obbo Mohammad Kadiir argamuun, bankichi piroojektoota diyaaspooraa deeggaruuf qophii ta’uu isaanii hirmaattotaaf ibsaniiru.
Foramichi guyyaa boruus itti fufuun kan rawwatamu ta’a.
Hirmaattotni Sagantaa baniinsa fooramiin dura Inistitiyutii teknoolojii shaggar kan daaw’atan yoo ta’u guyyaa boriis fooramii geggeeffamuun cinaatti daaw’annaa misooma adda addaas kan geggeessan ta’a.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *