Ebla 27/08/2012 COVID-19

Waldaan Diyaaspoora Oromiyaa bakka Angawoonni Motummaa Federaala Ministeerri Hajaa Alaa Obbo Gadduu Andirgachawu fi Ambassador Birtukaan Ayyaano akkasumas Wajjira Muumme Ministeera Irraa obbo Nigusu Xilahun fi Daayirektarri Ejansii Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Aadde Selamawit Dawit argamanitti deeggarsa qarshii Miliyoona tokko Vaayirasii COVID-19 qolachuuf godheera.
Dabalataanis Miseensa Waldaa Diyaaspoora Oromiyaa fi Boordii WDO kan ta’an maqaa Diyaaspoora fi Kollejji Isaanii US Kollejjiin qarshii kuma dhibba tokko fi kuma Shantama gumaachaniiru.
Dhumarrattiis, Walitti Qabaan boordii Diyaaspoora Oromiyaa Obbo Abdulaziz Ibrahim Diyaaspooraan hundi yeroo rakkoo kanatti Hawaasa isaa cinaa akka dhaabbattu dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *