Haaluma walfakkaatuun OOLMAAN GUYYAA 12ffaa – WDO deeggarsa lammiif taasisu itti fufuun gaafa Ebla 15 ,2012 Godina Shawaa Kaabaa bulchiinsa Magaalaa FICHEE – Biyya Goototaa fi Gooticha Salaale Gen. Taaddasa Birrutti argamuun hojii Vaayirasii COVID-19 Irratti hubannoo uumuu fi deeggarsa laachuu taasiseera.
Hojiin hubannoo uumuu Hawaasa Magaalaaf Sagalee guddiftuun kenname jira. Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa FICHEE Obbo Asmaraan fi hoggantoota Sektaroota garagaraa akkasumas bakka Aangawoonni Motummaa federaalaa dhalootaan Salaale ta’an argamanitti hojiin hubannoo uumuu fi meeshaalee qulqullina ittiin eeggatan deeggarsi taasifameee jira. WDO Namoota Sagantaa irratti argaman hundaaf galata galcha.

