Barnootaa Ammas Barnootaa Kana ta’uu qabaa kaayyoon Oromoota!

Bakka buutonni Miseensota Waldaa diyaaspooraa Oromiyaa biyyoota gara garaa irraa dhufan ijaarsa mana barnoota bu’uura boruu soole hirmaannaa diyaaspooraa oromiyaatiin bulchiinsa magaalaa Adaamaatti ijaaramaa jiru daaw’atan.
Sagantaa daaw’annaa kan irratti Ministeer deetaan Ministeera Jallisii fi naannoowwan gammoojjii Dr Birhaanu leenjiso, Hogganaan tajaajila diyaaspooraa Itiyoophiyaa Dr. Mohammed Idiriis, Sadarkaa Waajjira pireezidaantii BMN Oromiyaatti hogganaa daayirektoreetii diyaaspooraa oromiyaa fi pirees sekritiriyaatiin Waajjira pireezidaantii Oromiyaa Obbo Amiin Jundii, pireezidaantii fi Walitti qabaan boordii Waldaa diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Abdulaziz Ibrahim, Itti aanaa hogganaa biiroo kominikeeshinii Oromiyaa obbo Muussaa Sheekoo, Itti aantuun Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Hinseenee Mohammed, Itti Aanaa Pireezidaantii Baankii Siinqee Obbo Geetachawu fi bakka keessummonni biroo argaminitti kan geggeeffamee yoo ta’u ijaarsi mana barnootichaa yeroo amma dhibbeentaa torbaatamii (75%) shanirra qaqqabeera.
Sagantaa kanarratti kan argaman I/Aanaan Pireezidaantii baankii siinqee Obbo Getaachawu akka jedhanitti baankiin siinkee sochiilee misoomaa diyaaspooraa Oromiyaa qixa barbaachisuun tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii ibsanii jiru. Dhumarrattis, miseensota waldaa diyaaspooraa Oromiyaa biyyoota gara garaa irra dhufaniif, biyya irraa dhufanitti diyaaspooraa oromiyaa tajaajiluu akka danda’aniif bakka bu’ummaan kan kennameef ta’uu isaatiifi Ambaaddara Waldaa diyaaspooraa Oromiyaa ta’uunis akka tajaajilan imaanaan itti kenname jira.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *