Waldaan Diyaaspoora Oromiyaa (WDO) Affeerraa Bulchiinsa Sabaaf Sablamootummaa fi ummattoota Kibbaa waltajjii Diyaaspoora fi Sagantaa Hundeeffama Waldaa Diyaaspoora Naannoo Kibbaatiin taasifameef irratti hirmaate jira. Walitti qabaa fi pirezidaantiin WDO obbo Abdulaziz Ibrahim fi hoji Geggessaan WDO Obbo Abdaa Jamaal muuxannoo qaban Waldaa Diyaaspoora naannoo Kibbaa haaraya Hundeeffameef qoodanii jiru. Dabalataanis WDO meeshaalee waajjiraa kan akka Koompiwutaraa fi piriintaraa Waldaa Diyaaspoora naannoo Kibbaa haaraya hundeeffameef deeggarsa taasisaniiru. Dhumarrattiis, bakka Aangawoonni Waajjira pirezidaantii Naannoo Kibbaa fi Bulchiinsa mootummaa naannoo Kibbaa jiranitti gumaacha WDO jalqabaa hanga hundeeffamatti Waldaa Diyaaspoora Naannoo Kibbaatif taasiseef beekkumtii kennanii jiru. Waldaan Diyaaspoora Oromiyaa Miseensota waldichaatiin Baga Gammaddan jechaa Bulchiinsa mootummaa Sabaaf Sablammoota fi Ummattoota Kibbaa hedduu galatoomaa jedha.

