Guraandhala 12/2017
Walii galtee waliin Hojjachuu
********//*********
Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaa, Waajjira Kilaastara magaalaatti daayirektoreetii Diyaaspooraa Oromiyaa fi Korporeeshinii Industiriyaal paarkii Oromiyaa waliin walii galtee waliin hojjachuu guyyaa har’aa waliif mallatteessanii jiru. Walii galteen kunis Industiriyaal paarkii Bulbulaa dabalatee ,Buufataalee giddu gala
tiraansfoormeeshinii baadiyyaa ykn RTC- Rural Transformational Center kan akka Dodola,bale robe,maqii,Walancitii fi Itayyaa dabalatee miseensonni Diyaaspooraa Agro- Industry irratti hojjachuu barbaadaniif hubannoo uumuu fi hojiitti akka galan deeggaru kan bu’uureffatee dha. Walii galteen kunis Hogganaa Daayirektoreetii Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Amiin Jundii, Hoggantuu Corporeeshinii Industiriyaal paarkii Oromiyaa Aadde Sannayit Mabraate fi Hogganaa Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa Obbo Abdaa Jamaal giddutti bakka hojjattootni fi bakka bu’oonni dhaabbilee sadanii jiranitti raawwatee jira.

