Ebila 03/2012

Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti deeggarsi dhukkuba COVID-19 sababeeffachuun godhamu itti fufeera.
Misooma fi guddina magaalaa Jimmaa keessatti gahee kan qabu diyaaspooraan Oromiyaa akkuma barame hawaasa isaa cina dhabachuun deeggarsa tatamsa’ina vaayirasii koroanaa (COVID-19) ittisuu fi hubannoo hawaasaaf keennuun deeggarsa miidhaan nyaataa fi meshaalee dhiqannaaf oolan tilmaamaan qarshii 60,000 ta’u bulchiinsa Magaalaatti argamuun bakkaa kantiibaa Magaalaa Jimmaa obbo Makkiyyuu Mahammad argamanitti galii godhaniiru. Bakka bu’aan diyaaspooraa Oromiyaa kan ta’aan Dr Iyoob fi Aadde Daraartuu Abbaa Joobir yeroo cinqii kanatti ummata keenya cinaa dhaabbachuun hojii hubannaa fi deeggarsa akkasumas hojiilee misoomaa akka godhan dubbataniiru. Kantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Makkiyyuu Mahammad deggersa godhameef galateeffachuun fakkeenya ta’uun diyaaspooraa Oromiyaa itti fufuudhaan kan birootis kaka’umsa gochuun akka Uummataa isaanii gargaaranii waamicha godhaniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *